https://www.ajol.info/index.php/gadaa/issue/feedGadaa Journal2024-11-05T10:30:24+00:00Dr. Melkamu Dumessamelkamu94@gmail.comOpen Journal Systems
Gadaa Journal is an open access, peer reviewed, multidisciplinary bilingual journal (online and print version) published biannually by the Institute of Oromoo Studies (IOS) in Jimma University. It is a double blind, peer reviewed, open access, refereed Journal aspiring to have a brand value among the world’s multidisciplinary journals. The journal publishes original, multidisciplinary, scientific (theoretical and empirical) research in all fields of studies focusing on Oromoo and accepts articles that address aspects of the totality of Oromoo life in space and time.

This includes multidisciplinary research works pertinent to, but not limited to, Oromoo language, culture, philosophy, history, folklore, literature, arts, humanities, indigenous life systems and practices, environment, administrative and governance systems, economy, education, and science and technology. The forms of contributions the journal entertains include original research, review articles, book reviews, and short communications. These contributions should pass through the peer review process to be published on the journal.

This journal's own website can be found here.
https://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282207Parental Goals and Values in Child Rearing Practices among the Guji Oromoo2024-11-05T08:49:20+00:00Areri Elemaarerielema2@gmail.comMelkamu Afetaarerielema2@gmail.com
The purpose of this study was to assess parental goals and values underlying the childrearing practice of parents among the Guji Oromoo of Ethiopia. An interpretive phenomenological qualitative design was employed in this study. A purposively selected 36 interviewee parents were participated in the study including four FGD groups recruited from parents and expertise from different bureaus and backgrounds. Four districts and one zonal capital administration was purposively taken as they are selected from different areas of the zone and believed to reflect the holistic culture of the Guji Oromoo child rearing. This was followed by the selection of local level administration called ‘Ganda’ from each district and then parents of the desirable characters from each ‘Ganda’ by using purposive sampling techniques respectively. Abbaa Gadaa (Gada Leader), Haadha Siinqee (Sinke mother), parents, experts from the zone, districts, town and Bule Hora University were, on the other hand, the participants of the FGD group selected wittingly based on their knowledge and rich cultural exposure. As a result, it was found that Guji parental goals include to have a grown up child with healthy, wealthy (economically self-secured) and a potential child who has capability of getting married and bearing healthy child. R espectfulness, sympathy and generosity to human being and the physical environment were found to be the major values underlying the child rearing practice of the parents in Guji zone. On the other hand, greediness, stealing, lying, disobedience, destructiveness, addiction, aimlessness, disrespectfulness, arrogance and unlawfulness were the undesired traits that the parents don’t want their children to inherit. Finally, it was suggested that the concerned government bodies, NGOs and other stakeholders can use the positive cultural childrearing practices of the Guji community as best practices, promoting and extending it to the other settings of Oromiya in particular and Ethiopia in general.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282209Nagaa Booranaa: Xiinxala akkaataa Hawaasni Booranaa Nagaa itti Hubatu2024-11-05T08:57:38+00:00Daani’eel Bal'isyaadinaa@gmail.comFi Taaddesee Jaallataa yaadinaa@gmail.com
Hojiileen dhimma nagaa irratti gaggeeffaman, qabiyyee bu’uura godhatanii dhihaatan irraa kan madde ibsaafi yaadrimee nagaa ogeeyyii walitti fidu kaa’uu hindandeenye. Kanarraa kan ka’e, tooftaa hanqinni kun itti guutamu sakatta’uu keessatti, jireenya qabatamaa hawaasaa bu’uura godhachuun murteessaa akka ta’eti dhihaate. Qorannoo kanaanis, Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffachuun, ogafaaniifi duudhaalee Booranni jireenya guyya-guyyaa keessatti calaqqisiisuun hubannoo nagaa isaa xiinxaluun kaayyoo ijoodha. Hojiin kun gosa qorannoo akkamtaa ta’ee, maleenyaa sanyaabaan gaggeeffame. Malleen ragaa maddisiisuu daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti hojiirra oole. Ragaaleen maddan, yaadrimee ‘fookiloorii dachaa’ keessaan xiinxalamani. Kunis, jechi nagaa jedhu caaccuu fookloorii ta’ee caaccuu biraan ammoo ibsi itti kenname. Haala kanaan, yaadrimeen nagaa Booranaa yayyaba irraa eegalee hanga jireenya guyyaguyyaa keessatti hojiirra oolutti wal qabatee deemuun hiika guutuu dabarsa. Jechi nagaa jedhu yaadrimee bal’aa sonoota qabatamoofi killayyaa of keessaa qabudha. Jalqaba namni jecha nagaa jedhuufi sonoota jireenyi akka itti fufu gargaaran walabaan Waaqa irraa argate. Kun ammoo, kaattoo/dulloomanii du’uus sona nagaa taasisuuni. Nagaa waarawaaf, namni waan argate jabeeffachuufi hariiroo wal hubannaa Waaqa, nama akka isaafi uumama kaan faana qabaachuuti irraa eegama. Gaaleen ‘nagaa Booranaa’ jedhus, bak-bu’ee adeemsa jireenya keessa jiru ibsuuf tajaajila. Walumaagalatti, Booranni hawaasa beekmtaaa nagaa irratti hubannoo ifa ta’e qabuufi ittiin jiraatudha. Kanaafuu, dhimma nagaan wal qabatee ibsaafi yaadrimee waalta’aatti dhufuuf jireenya qabatamaa hawaasaa irratti xiyyeeffachuun furmaata akka ta’e yaada hojii kanaati.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282210Qaaccessa Raawwii Duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo Gidduutti Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuuf Raawwatamu2024-11-05T09:06:05+00:00Ashebir Tadessetadesse.jaleta2016@gmail.comTadesse Jaletatadesse.jaleta2016@gmail.com
Gujiifi Gede’oon hawaasa obboleeyyiidha. Akka tasaa gidduu isaanitti waldhabdeen hoo muudatu tooftaa waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuu Gondoroo raawwatu. Barruun kun raawwii duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf raawwatamu ibsuurratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan raawwiin Gondoroo adeemsa qabu, gochaalee duudhaa raawwii Gondoroo keessatti raawwatamaniifi hiikkaa duudhaa gochaaleen qaban ibseera. Eenyummaafi gahee raawwachiistotataas ibseera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi, marii gareefi sakatta’a qabiyyee kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti Gondoroon kan raawwatamu obboleessa obboleessa ajjeeseef hoo ta’u, Gondoroon Gujiifi Gede’oo gidduutti raawwatamu adeemsa walgahuu Abbootii Gadaa Gujiifi Gede’oo, falachuu, dubbii qoruu, araara gochuu fi sirna Gondoroo raawwachuun guduunfuu qaba. Raawwii Gondoroo booda hawaasni hariiroo waliin jireenya duraan turetti deebi’a. Raawwii Gondoroo booda wal hammachuu, soddoomuufi walgargaaranii gara jireenya nagaa dura turetti deebi’uun aadaadha.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282212Oromoo Gadaa Values in Cultivating Indigenous Leadership Development among the Karrayuu Oromoo Community 2024-11-05T09:11:44+00:00Metasebiya Bogaletieyumeti3@yahoo.comDame Aberatieyumeti3@yahoo.com
It is not well known how the indigenous leadership development is cultivated by the Oromoo Gadaa values of the Karrayyuu community. To address this limitation, the article aimed to explore how the Oromoo Gadaa values nurture indigenous leadership development in the context of the indigenous African society with particular reference to the Gadaa system of the Karrayyuu Oromoo community of Ethiopia. The objective of this article was mainly focused on the essence of Oromoo Gadaa values and leadership capacity development. To achieve this objective, a qualitative research method, particularly, an ethnography research design was implemented. Individuals in the Gadaa system of different age groups were purposively recruited as a sample of the study. Accordingly, participant observation, 10 Key informant interviews, 10 In-depth interviews, and 5 focus group discussions were conducted. The data gathered using these guidelines were presented, analyzed, and discussed thematically. The study found that moral, egalitarian, harmonious, peace, unity, and humaneness values are embedded in the indigenous leadership development process of the Karrayyuu Gadaa system and serve to resolve social, economic, and political problems. The finding also show that the Gadaa values helped all clans of the Karrayyuu community have equal representation in the formation of the five Gadaa parties and power transfer recycles among these parties every eight years. Thus, conserving the Oromoo Gadaa values and indigenous leadership development will contribute a lot to the community, youth and leadership development, regional government, and countrywide, particularly for the Ministry of Peace and policymakers to resolve leadership-related problems that Ethiopia has currently faced.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282215Uumama Ulfoo: Tulluu Cuqqaalaa Ija Ilaalcha Oromoo Tuulamaatiin 2024-11-05T09:23:59+00:00Dirribaa Tarrafaadiriba35@yaho.comTaaddasaa Jaalataadiriba35@yaho.com-fi Asafaa Tafarraadiriba35@yaho.com
Kaayyoon qorannoo kanaa hariiroo Oromoon Tuulamaa Uumama Ulfoo Tulluu Cuqqaalaa wajjin qabu xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf maleenyi qorannoo sanyaabaafi seenawaa (Ethnographic & historical research approach) hojiirra ooleera. Jamaa ragaan qorannoo kanaaf oole irraa funaaname filachuuf akaakuu iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti dhimma bahee jira. Odeeffattoota tooftaalee kanneeniin filataman irraa ragaa walitti qabuuf meeshaaleen funaansa ragaa daawwannaa hirmaachisaa, afgaaffii, qaabachiisa yaadannoo hojii aloolaafi sakatta’insa dokimentii hojiirra oolaniiru. Ragaalee kunneen mala akkamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennamee jira. Argannoon ijoo qorannoo kanaa Oromoo Tuulamaa biratti Tulluun hundi ulfoodha; irra caalaa ammoo Tulluun Cuqqaalaa Ulfoodha. Ardaan Ulfoo Irreecha Arfaasaa “Siidaan Waaqayyoo ykn Siidaa Arjoomaa” jedhamuun Oromoo Tuulamaa biratti kabajaa guddaa qabu kun bara 2002 irraa eegalee Moloksoota Tullicha irra jiraniin manca’ee ture. Yaboon ijoon qorannoo kanaa ammoo Heerota Ulfoo Jahan Waaqayyoo kabajuun, duudhaafi safuu Oromticha ganamaa eeguun Tulluuwwan Ulfoo kabajuufi kunuunsuun dhaloota dhufuuf tursuun dirqama Oromoo maraati.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282219Leelloo Ilmaa-Intalaa Duudhaa Oromoo Arsii keessatti: Bu’ura Ijaarsa Koornayaatiin2024-11-05T09:42:34+00:00Faanosee Mangistuufanosema@gmail.comXilaahun Taliilaafanosema@gmail.comfi Addunyaa Barkeessaafanosema@gmail.com
Kaayyoon qorannoo kanaa leelloo Oromoon Arsii ilmaa intalaa qabu raawwilee Sirnoota Marsaa Jireenyaa—sirna dhaloota, gaa‟elaafi boo‟ichaa Oromoo Arsiirratti hundaa‟uun xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf, qorannichi saxaxa sanyaabsaa mala akkamtaarratti hundaa‟eeti adeemsifame. Ragaaleen madda tokkoffaarraa meeshaalee funaansa ragaa daaw‟annaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoon walitti qabamuun mala akkamtaatiin hiikamani. Ragaalee argaman hiikuun wanti hubatame, Oromoon Arsii ilmaa- intala guyyuma dhalootarraa eegalee waan isaan ta‟uu qaban, amalarraa eegamuufi gahee bahuu danda‟an duudhaa fayyadamuun barsiisaafi leenjisaa kunuunsuun kan guddisu ta‟uudha. Kunis, ilaalcha Araddaa Ofii-Ormaa jedhuun „ilmi araddaa keenyarratti hafee dhaala, maqaa keenya waamsisa, intalli Araddaa Ormaati‟ jechuun ilma intalarraa ofitti aansaafi leellisaa ilaalcha kooti jedhuun guddisu. Raawwilee sirnoota marsaa jireenyaarraa akka ifutti, dhalootumarrattuu dhaloota intalaatti hanga kan ilmaa hingammadamu. Ilaalcha loogawaa ta‟e kanarraa ka‟uun ilmi hawaasa keessatti bakka qabaachaa ofitti amanamummaan guddata. Faallaa kanaa intalli „an araddaa ormaati‟ jechaa alatti oflakkaa‟aa hirkattummaan guddatti. Kunimmoo akka dhuunfaattis ta‟ee, hawaasaatti ilaalcha loogaawaa ta‟uusaatiin, qaamoleen dhimmi kun ilaallatu—maatiin, hawaasniifi qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran duudhaa hawaasaa garee tokko ofitti aansee kaan achi aansu akka fooyya‟u gochuurratti gahee isaanii akka bahaniif yaboon kaa‟ameera.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282223Xiinxala Afseeneffamoota Torban Oboo: Xiyyeeffannoon Eenyummaa Ijaaruurratti2024-11-05T09:51:01+00:00Girmaa Dachaasaadechasamoti@gmail.comAsafaa Tafarraadechasamoti@gmail.comfi Addunyaa Barkeessaadechasamoti@gmail.com
Qorannoo kun Xiinxala Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo, Achii as Dhufteefi eenyummaa daangaa lafaarratti qaban xiinxaluu irratti kan bu‟uureffatedha. Seenessuun ijaarsa eenyummaa gama amala, barsiifata , duudhaafi aadaa dhalootaa dhalootatti kan darbu yookiin amaleeffatamu kan namni dhuunfaa yookiin hawaasnii tokko isa biroorraa adda ofbaasee kan ittiin hubatuufi fufsiisudha. Ka‟umsi qorannichaas, hidda latiinsaa, bakka, seenaafi qabiyyee lafaa afseenessaan ijaarsa eenyummaa Torban Oboo dhaloota dhufuufi fufuu ilaalchisee qorannoon sadarkaa kanatti hojjetame dhibuusaati. Kaayyooleen qorannichaa immoo tooftaa dhufteefi hidda dhalootaa hawaasni kun barsiisuu, qabiyyyeefi daangaa isaanii eegsifatan addeessuudha. Kaayyoolee kanneen galmaan ga‟uufis goodinaalee qubsuma Oromoo Tuulamaa Torban Oboo ta‟an keessaa mala akkayyoon Goodina Shawaa Bahaa, gandoota aanaa Boosatiifi naannoo ishee fudhachuun, daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba‟uun ragaaleen funaanmaniiru. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: abbaa Gadaa, maanguddoota, foolleewwaniifi hawwan yommuu ta‟an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba‟amanidha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa dhimma beekumsa hawaasaa irraatti xiyyeeffate waan ta‟eefis, paraadaayimiin ijaarsaa bu‟uureffatamee jira. Akkasumas, ragaaleen funaanaman yaaxxiina ijaarsa hawaasummaa irratti bu‟uureffachuun mala akkamtaan xiinxalamanii jiru. Saxaxni qorannoo akkaataa addeessuu ta‟een seenessuu gochuufi hiikatti kennuun kan dhimma ba‟amedha. Kana malees, maleenyi dhimma bahame, maleenya gaaffii seenessaafi hidda dhalootaati. Argannoowwan ijoon qorannoo kanaas: hawaasni Torban Oboo hawaasa biroorraa kan adda itti walbeekan hidda dhalootaafi dhuftee isaanii tooftaa itti dabarsan qabaachuu isaaniiti. Kunis, dhiira qofa osoo hintaane dubartiinis bakka heerumteetti ijoollee ishee akka barsiiftuuf xiyyeeffannoon barsiitamti. Itti dabalees, dabrsa hidda dhalootaa caalmaaatti qabatama taasisuuf sirna mataasaa danda‟e akka qabu ni mul‟ata . Innis „Sirna Dikee ‟ madda dinagdee hawaasichaa kan ta‟e loon waliin walqabsiisuun ijoollota walitti qabuun dhuftee isaanii barsiisuuf kan adeemsifamudha. Akkasumas, daangaan waan uumamaan daangeffamee jiruu olitti sadarkaa yaaduu, gochaalee hawaasaafi adeemsa jiruufi jireenya hawaasichaa hunda kan walitti hidhu ta‟uusaa argisiisa.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282225The Limitations of Research Findings behind the Veil of Subjectivities: Subjective Values and Extra-Subjective Challenges2024-11-05T10:09:56+00:00Guyo Doyo Guyoguyodoyo7@gmail.com
This essay addresses the challenges of Subjectivity in research. Firstly, it illustrates that most researchers fail to transcend subjectivities and are trapped into particular values that they favor to the utmost. Others avert findings that they dislike by systematically sticking to what they desire. Secondly, it addresses the extra impact of imposed externalities (standards, methods and methodologies) as what compels the researchers to follow specific paths as an insurmountable fixation at the expense of people in quandaries. The researcher discusses this impact as a threat to academic freedom and an existential concern, in which the right methods are often used to solve the wrong problems and vice versa. The essay focuses on a few considerable cases from the African relation to the Euro-American systems, which often deflect intellectuals from conducting a soul-searching endeavor. Furthermore, the essay discusses how such factors limit the findings of the research via limited tutelage and unethically prioritized subjective quests for instrumental gains. The essay’s method is philosophical. It employs hermeneutic analysis of key concepts of subjectivity in research. The essay proposes alternative rethinking to devalue subjective values and extra-subjective challenges.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journalhttps://www.ajol.info/index.php/gadaa/article/view/282229Xiinxala Gahee Loonii Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromoo Maccaa Keessatti: Kuttaayee Irratti Xiyyeeffachuun2024-11-05T10:25:35+00:00Jiraa Mokonnonjiramekonnen@gmail.comBulloo Fiixaajiramekonnen@gmail.comTarrafee Mitikkuujiramekonnen@gmail.com
Qorannoon kun gahee loon jilaalee fuudhaafi heerumaa aadaa Oromoo Maccaa, keessattuu kan gosa Kuttaayee keessatti qaban xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa gahee loon raawwileee jiloota fuudhaafi heeruma aadaa Oromo Kuttaayee keessatti qaban qorachuun adda baasuufi qaawwa beekumsaa gama kanaan jiru guutuudha. Qorannoo kanaaf saxaxni ibsaa qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa ammoo iddatteessuu miti-carraati. Gosa miti-carraa keessaa darbaa-dabarsaafi kaayyeffataatti fayyadamneerra. Maddi ragaa qorannoo kanaa ragaa duraafi lammaffaati. Tooftaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaaf hojiirra oolan af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Waliigalatti, qorannoo kanaaf ragaaleen guuraman walitti qindaa’uudhaan mala ibsuu qorannoo akkamtaafi yaadiddama qorannoo galumsaatti dhimma bahuun xiinxalameera. Yaadhiddamni kunis hojii kana keessatti ragaan argame haala galumsa aadaafi duudhaa hawaasaatiin akka xiinxalamee hubatamuuf gumaacheera. Argannoon qorannoo kanaa akka ibsutti, gahee loon jilaalee fuudhaafi heeruma aadaa Oromoo Kuttaayee keessatti qaban ol’aanaa ta’uu isaa agarsiisa. Kana malees, raawwiin cidhaa kun looniifi bu’aalee isaanii malee jifuun isaa guutuu kan hintaane ta’uus mul’iseera. Haa ta’u malee, sababa jijjiirama hawaasummaa naannoo qorannichaa keessatti mul’ataa dhufeen, horsiisni looniifi ga’een isaan raawwii cidha fuudhaafi heeruma aadaa keessatti qaban jijjiiramaa dhufeera.
2024-11-05T00:00:00+00:00Copyright (c) 2024 Gadaa Journal