Main Article Content

Xiinxala Gahee Loonii Sirna Fuudhaafi Heeruma Oromoo Maccaa Keessatti: Kuttaayee Irratti Xiyyeeffachuun


Jiraa Mokonnon
Bulloo Fiixaa
Tarrafee Mitikkuu

Abstract

Qorannoon kun gahee loon jilaalee fuudhaafi heerumaa aadaa Oromoo Maccaa, keessattuu kan gosa Kuttaayee keessatti qaban  xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa gahee loon raawwileee jiloota fuudhaafi heeruma aadaa Oromo Kuttaayee  keessatti qaban qorachuun adda baasuufi qaawwa beekumsaa gama kanaan jiru guutuudha. Qorannoo kanaaf saxaxni ibsaa qorannoo  akkamtaatti dhimma bahameera. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa ammoo iddatteessuu miti-carraati. Gosa miti-carraa keessaa  darbaa-dabarsaafi kaayyeffataatti fayyadamneerra. Maddi ragaa qorannoo kanaa ragaa duraafi lammaffaati. Tooftaaleen funaansa ragaa  qorannoo kanaaf hojiirra oolan af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Waliigalatti, qorannoo kanaaf ragaaleen guuraman walitti  qindaa’uudhaan mala ibsuu qorannoo akkamtaafi yaadiddama qorannoo galumsaatti dhimma bahuun xiinxalameera. Yaadhiddamni  kunis hojii kana keessatti ragaan argame haala galumsa aadaafi duudhaa hawaasaatiin akka xiinxalamee hubatamuuf gumaacheera. Argannoon qorannoo kanaa akka ibsutti, gahee loon jilaalee fuudhaafi heeruma aadaa Oromoo Kuttaayee keessatti qaban ol’aanaa ta’uu  isaa agarsiisa. Kana malees, raawwiin cidhaa kun looniifi bu’aalee isaanii malee jifuun isaa guutuu kan hintaane ta’uus mul’iseera.  Haa ta’u malee, sababa jijjiirama hawaasummaa naannoo qorannichaa keessatti mul’ataa dhufeen, horsiisni looniifi ga’een isaan raawwii  cidha fuudhaafi heeruma aadaa keessatti qaban jijjiiramaa dhufeera. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie