Main Article Content

Xiinxala Afseeneffamoota Torban Oboo: Xiyyeeffannoon Eenyummaa Ijaaruurratti


Girmaa Dachaasaa
Asafaa Tafarraa
fi Addunyaa Barkeessaa

Abstract

Qorannoo kun Xiinxala Af-Seeneffamoota Ijaarsa Eenyummaa Torban Oboo, Achii as Dhufteefi eenyummaa daangaa lafaarratti qaban  xiinxaluu irratti kan bu‟uureffatedha. Seenessuun ijaarsa eenyummaa gama amala, barsiifata , duudhaafi aadaa dhalootaa dhalootatti  kan darbu yookiin amaleeffatamu kan namni dhuunfaa yookiin hawaasnii tokko isa biroorraa adda ofbaasee kan ittiin hubatuufi  fufsiisudha. Ka‟umsi qorannichaas, hidda latiinsaa, bakka, seenaafi qabiyyee lafaa afseenessaan ijaarsa eenyummaa Torban Oboo  dhaloota dhufuufi fufuu ilaalchisee qorannoon sadarkaa kanatti hojjetame dhibuusaati. Kaayyooleen qorannichaa immoo tooftaa  dhufteefi hidda dhalootaa hawaasni kun barsiisuu, qabiyyyeefi daangaa isaanii eegsifatan addeessuudha. Kaayyoolee kanneen galmaan  ga‟uufis goodinaalee qubsuma Oromoo Tuulamaa Torban Oboo ta‟an keessaa mala akkayyoon Goodina Shawaa Bahaa, gandoota aanaa  Boosatiifi naannoo ishee fudhachuun, daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba‟uun ragaaleen funaanmaniiru. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: abbaa Gadaa, maanguddoota, foolleewwaniifi hawwan yommuu ta‟an, malli akkayyoofi malli  darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba‟amanidha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa dhimma beekumsa  hawaasaa irraatti xiyyeeffate waan ta‟eefis, paraadaayimiin ijaarsaa bu‟uureffatamee jira. Akkasumas, ragaaleen funaanaman yaaxxiina  ijaarsa hawaasummaa irratti bu‟uureffachuun mala akkamtaan xiinxalamanii jiru. Saxaxni qorannoo akkaataa addeessuu ta‟een  seenessuu gochuufi hiikatti kennuun kan dhimma ba‟amedha. Kana malees, maleenyi dhimma bahame, maleenya gaaffii seenessaafi  hidda dhalootaati. Argannoowwan ijoon qorannoo kanaas: hawaasni Torban Oboo hawaasa biroorraa kan adda itti walbeekan hidda  dhalootaafi dhuftee isaanii tooftaa itti dabarsan qabaachuu isaaniiti. Kunis, dhiira qofa osoo hintaane dubartiinis bakka heerumteetti  ijoollee ishee akka barsiiftuuf xiyyeeffannoon barsiitamti. Itti dabalees, dabrsa hidda dhalootaa caalmaaatti qabatama taasisuuf sirna  mataasaa danda‟e akka qabu ni mul‟ata . Innis „Sirna Dikee ‟ madda dinagdee hawaasichaa kan ta‟e loon waliin walqabsiisuun ijoollota  walitti qabuun dhuftee isaanii barsiisuuf kan adeemsifamudha. Akkasumas, daangaan waan uumamaan daangeffamee jiruu olitti  sadarkaa yaaduu, gochaalee hawaasaafi adeemsa jiruufi jireenya hawaasichaa hunda kan walitti hidhu ta‟uusaa argisiisa. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie