Main Article Content

Leelloo Ilmaa-Intalaa Duudhaa Oromoo Arsii keessatti: Bu’ura Ijaarsa Koornayaatiin


Faanosee Mangistuu
Xilaahun Taliilaa
fi Addunyaa Barkeessaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa leelloo Oromoon Arsii ilmaa intalaa qabu raawwilee Sirnoota Marsaa Jireenyaa—sirna dhaloota, gaa‟elaafi  boo‟ichaa Oromoo Arsiirratti hundaa‟uun xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf, qorannichi saxaxa sanyaabsaa mala  akkamtaarratti hundaa‟eeti adeemsifame. Ragaaleen madda tokkoffaarraa meeshaalee funaansa ragaa daaw‟annaa, afgaaffiifi marii  garee xiyyeeffannoon walitti qabamuun mala akkamtaatiin hiikamani. Ragaalee argaman hiikuun wanti hubatame, Oromoon Arsii ilmaa- intala guyyuma dhalootarraa eegalee waan isaan ta‟uu qaban, amalarraa eegamuufi gahee bahuu danda‟an duudhaa fayyadamuun  barsiisaafi leenjisaa kunuunsuun kan guddisu ta‟uudha. Kunis, ilaalcha Araddaa Ofii-Ormaa jedhuun „ilmi araddaa keenyarratti hafee  dhaala, maqaa keenya waamsisa, intalli Araddaa Ormaati‟ jechuun ilma intalarraa ofitti aansaafi leellisaa ilaalcha kooti jedhuun guddisu.  Raawwilee sirnoota marsaa jireenyaarraa akka ifutti, dhalootumarrattuu dhaloota intalaatti hanga kan ilmaa hingammadamu. Ilaalcha  loogawaa ta‟e kanarraa ka‟uun ilmi hawaasa keessatti bakka qabaachaa ofitti amanamummaan guddata. Faallaa kanaa intalli „an  araddaa ormaati‟ jechaa alatti oflakkaa‟aa hirkattummaan guddatti. Kunimmoo akka dhuunfaattis ta‟ee, hawaasaatti ilaalcha loogaawaa ta‟uusaatiin, qaamoleen dhimmi kun ilaallatu—maatiin, hawaasniifi qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran duudhaa hawaasaa garee  tokko ofitti aansee kaan achi aansu akka fooyya‟u gochuurratti gahee isaanii akka bahaniif yaboon kaa‟ameera. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie