Main Article Content

Uumama Ulfoo: Tulluu Cuqqaalaa Ija Ilaalcha Oromoo Tuulamaatiin


Dirribaa Tarrafaa
Taaddasaa Jaalataa
-fi Asafaa Tafarraa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa hariiroo Oromoon Tuulamaa Uumama Ulfoo Tulluu Cuqqaalaa wajjin qabu xiinxaluudha. Qorannoo kana  gaggeessuuf maleenyi qorannoo sanyaabaafi seenawaa (Ethnographic & historical research approach) hojiirra ooleera. Jamaa ragaan  qorannoo kanaaf oole irraa funaaname filachuuf akaakuu iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa  dabarsaatti dhimma bahee jira. Odeeffattoota tooftaalee kanneeniin filataman irraa ragaa walitti qabuuf meeshaaleen funaansa ragaa  daawwannaa hirmaachisaa, afgaaffii, qaabachiisa yaadannoo hojii aloolaafi sakatta’insa dokimentii hojiirra oolaniiru. Ragaalee kunneen  mala akkamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennamee jira. Argannoon ijoo qorannoo kanaa Oromoo Tuulamaa biratti Tulluun hundi  ulfoodha; irra caalaa ammoo Tulluun Cuqqaalaa Ulfoodha. Ardaan Ulfoo Irreecha Arfaasaa “Siidaan Waaqayyoo ykn Siidaa Arjoomaa”  jedhamuun Oromoo Tuulamaa biratti kabajaa guddaa qabu kun bara 2002 irraa eegalee Moloksoota Tullicha irra jiraniin manca’ee ture.  Yaboon ijoon qorannoo kanaa ammoo Heerota Ulfoo Jahan Waaqayyoo kabajuun, duudhaafi safuu Oromticha ganamaa eeguun  Tulluuwwan Ulfoo kabajuufi kunuunsuun dhaloota dhufuuf tursuun dirqama Oromoo maraati. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie