Main Article Content

Qaaccessa Raawwii Duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo Gidduutti Waldhabdee Dhaabuufi Nagaa Buusuuf Raawwatamu


Ashebir Tadesse
Tadesse Jaleta

Abstract

Gujiifi Gede’oon hawaasa obboleeyyiidha. Akka tasaa gidduu isaanitti waldhabdeen hoo muudatu tooftaa waldhabdee dhaabuufi nagaa  buusuu Gondoroo raawwatu. Barruun kun raawwii duudhaa Gondoroo Gujiifi Gede’oo gidduutti waldhabdee dhaabuufi nagaa buusuuf  raawwatamu ibsuurratti xiyyeeffata. Kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan mala qorannoo akkamtaa ibsaatti fayyadamuudhan  raawwiin Gondoroo adeemsa qabu, gochaalee duudhaa raawwii Gondoroo keessatti raawwatamaniifi hiikkaa duudhaa gochaaleen  qaban ibseera. Eenyummaafi gahee raawwachiistotataas ibseera. Qorannicha keessatti malleen qorannoo afgaaffi, marii gareefi  sakatta’a qabiyyee kan hojiirra oolan hoo ta’u, tooftaa iddatteessuu kaayyootiin maddoota odeeffannoo hawaasa Gujiifi Gede’oo keessaa  hayyuuwwan gosaa Gondoroo raawwachiisan filatamanii odeeffannoon qorannoo irraa funaanameera. Argannoon qorannoo  kanaa akka mul’isutti Gondoroon kan raawwatamu obboleessa obboleessa ajjeeseef hoo ta’u, Gondoroon Gujiifi Gede’oo gidduutti  raawwatamu adeemsa walgahuu Abbootii Gadaa Gujiifi Gede’oo, falachuu, dubbii qoruu, araara gochuu fi sirna Gondoroo raawwachuun  guduunfuu qaba. Raawwii Gondoroo booda hawaasni hariiroo waliin jireenya duraan turetti deebi’a. Raawwii Gondoroo booda wal  hammachuu, soddoomuufi walgargaaranii gara jireenya nagaa dura turetti deebi’uun aadaadha. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie