Main Article Content

Nagaa Booranaa: Xiinxala akkaataa Hawaasni Booranaa Nagaa itti Hubatu


Daani’eel Bal'is
Fi Taaddesee Jaallataa

Abstract

Hojiileen dhimma nagaa irratti gaggeeffaman, qabiyyee bu’uura godhatanii dhihaatan irraa kan madde ibsaafi yaadrimee nagaa ogeeyyii  walitti fidu kaa’uu hindandeenye. Kanarraa kan ka’e,  tooftaa hanqinni kun itti guutamu sakatta’uu keessatti, jireenya  qabatamaa hawaasaa bu’uura  godhachuun murteessaa akka ta’eti dhihaate. Qorannoo kanaanis, Oromoo Booranaa irratti  xiyyeeffachuun, ogafaaniifi duudhaalee Booranni jireenya guyya-guyyaa keessatti calaqqisiisuun  hubannoo nagaa isaa xiinxaluun  kaayyoo ijoodha. Hojiin kun gosa qorannoo akkamtaa ta’ee,  maleenyaa sanyaabaan gaggeeffame. Malleen ragaa maddisiisuu  daawwannaa, af-gaaffiifi marii  garee xiyyeeffannooti hojiirra oole. Ragaaleen maddan, yaadrimee ‘fookiloorii dachaa’ keessaan  xiinxalamani. Kunis, jechi nagaa jedhu caaccuu fookloorii ta’ee caaccuu biraan ammoo ibsi itti  kenname. Haala kanaan, yaadrimeen  nagaa Booranaa yayyaba irraa eegalee hanga jireenya guyyaguyyaa keessatti hojiirra oolutti wal qabatee deemuun hiika guutuu  dabarsa. Jechi nagaa jedhu  yaadrimee bal’aa sonoota qabatamoofi killayyaa of keessaa qabudha. Jalqaba namni jecha nagaa  jedhuufi  sonoota jireenyi akka itti fufu gargaaran walabaan Waaqa irraa argate. Kun ammoo,  kaattoo/dulloomanii du’uus sona nagaa taasisuuni.  Nagaa waarawaaf, namni waan argate  jabeeffachuufi hariiroo wal hubannaa Waaqa, nama akka isaafi uumama kaan faana qabaachuuti  irraa eegama. Gaaleen ‘nagaa Booranaa’ jedhus, bak-bu’ee adeemsa jireenya keessa jiru ibsuuf  tajaajila. Walumaagalatti, Booranni  hawaasa beekmtaaa nagaa irratti hubannoo ifa ta’e qabuufi  ittiin jiraatudha. Kanaafuu, dhimma nagaan wal qabatee ibsaafi yaadrimee  waalta’aatti dhufuuf  jireenya qabatamaa hawaasaa irratti xiyyeeffachuun furmaata akka ta’e yaada hojii kanaati.  


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977
 
empty cookie