Main Article Content

Sabboonummaa aadaa akka mil’uu kaleessaatti: walooma, diddaa aadaafi ce’umsa hawaasaa, asoosamoota Oromoo filataman keessatti Cultural nationalism as a window to the past: harmony, cultural resistance, and societal transformation in selected Oromoo novels


Lachiisaa Fayyeeraa
Ashannaafii Balaayi fi Ayyalaa Kabbadaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa asoosamoota Oromoo filataman keessatti sabboonummaan aadaa akkamitti akka calaqqisu xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaan ragaaleen madda jalqabaa qabiyyee hafeef seenessama asoosamootaa (Godaannisa, Yoomi Laataa? Burreen Bifa Tokko Mitifi Dibaa)fi kan lammaffaa immoo ragaalee qabatamoo bu‟uura yaaxxinaa qabaniifi dhimmoota siyaas- hawaasummaaf oolan dhimma itti ba‟amaniiru. Ragaaleen iddatteessuu miticarraa-akkayyoon asoosamoota filataman irraa meeshaa funaansa ragaa sakatta‟a dookimeentiin walitti qabamuun galumsa hafeen xiinxalaman. Xiinxalli taasifame Caayaa Yaaxxina „Fakkoommii Dachee-Dubartii‟ kan bu‟uureffate yoo ta‟u, sabboonummaan aadaa dhiyaate asoosamoota keessatti waltarrummaa dhiiraa-dubartiifi namaa-lafaa, akkasumas, eenyummaa waloo Oromoo hangam akka mul‟isu xiinxaluuf hojiirra ooleera. Argannoon qorannichaas asoosamoota filataman keessatti sabboonummaan aadaa mul‟istuu „nuyiifi isaanii‟fi, moggeeffamuu eenyummaa Oromoos kan ittiin falmame ta‟ee dhiyaatee jira. Karaa biraa, dhiyaatinni sabboonummaa kun aadaa waloo tiksee dhaloota dhaalchisuu irratti kan fuulleffate ta'uu adda baafameera. Dabalataanis xiinxala taasifameen sabboonummaan aadaa safuufi safeeffannaa namfakkiileen hordofaniin, carraaqqiiwwan isaan dhugaa ganamaafi nagaa tiksuuf taasisaniifi hariiroo akka malee (namaanamaafi, namaa-lafaa) safuun Oromoofi kan isarraa gore mul'ifameera. Walumaagalatti, asoosamoonni filataman sabboonummaa aadaan kan ijaaramaniifi mil'uu duudhaa kaleessaa irratti hundaa'uun sabboonummaa kan qajeelchan yoo ta'an, raawwilee jilaan eenyummaa waloo ijaaruu, aadaa tursiisuu, falmii diddaa aadaa taasisuufi ce'umsa hawaasaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatan ta‟uu hubatameera. Argannoo kanarraa ka‟uunis dhimmi sabboonummaa aadaa ogbarruu Oromoo keessatti dhiyaatu kallattii xiyyeeffannoo qorannoo akka ta‟uu qabu qorannoon kun akeekeera. 


This study delves into the transformative power of cultural nationalism in Oromoo literature, examining its role in fostering collective consciousness, safeguarding collective identity, and propelling social and political change. The analysis focuses on four selected novels, Godaannisa, Yoomi Laataa? Burreen Bifa Tokko Miti, and Dibaa, employing the “Earth-Woman Symbolism” framework to explore the intertwining of man-woman and culture-nature dichotomies in strengthening cultural nationalism. The study reveals that cultural nationalism serves as a beacon for Oromoo, defining their “us” against external marginalization. It also acts as a custodian of collective identity, ensuring its transmission across generations. Cultural nationalism is embedded in character‟ ethical stances, their pursuit of truth and peace, and their resistance to harmful societal structures. The narratives of the selected novels are constructed on a foundation of cultural nationalism, shaping the very essence of Oromoo identity. Key emphases include constructing a cohesive collective identity, ensuring the continuity of cultural heritage, invigorating cultural resistance, and promoting societal transformation through ritual practices. Building upon these findings, the study calls for further exploration into the diverse facets of cultural nationalism in Oromoo literature. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977